Israa’el haleellaa har’a Iraan irraa itti aggaamamuu malu qolachuuf ‘of eeggannoottin’ jira jetteApril 5, 2024

Israa’el haleellaa har’a Iraan irraa itti aggaamamuu malu qolachuuf ‘of eeggannoottin’ jira jette
April 5, 2024
Getty Images
Humni waraanaa Israa’el haleellaa Jimaata har’aa Iraan irraa itti aggaamamuu danda’u qolachuudhaaf of eeggannoo taasisaa jiraachuu ibse.
Aanga’oonni Irsaa’el, Iraan guyyaa qulqulluu Jimaata dhuma torban Ramadaanaarra (Guyyaa Yerusaalem) haleellaa raawwachuu akka dandeessu amanu.
Israa’el torban tokko dura qoontsilaa Iraan Sooriyaa keessatti argamurratti haleellaa raawwattee qodaaltota waraanaa olaanoo dabalatee namoota 13 erga jalaa ajjeefamaniin booda, Iraan tarkaanfii haaloo bahuu akka fudhattu dhaadataa turteetti.
Humni Waraanaa Israa’el haleellaa misaa’elaafi diroonii ergamuu danda’u qolachuudhaaf biyyattii bakka gara garaa keessatti sirni agarsiiftuuwwan kallattii (GPS) akka addaan citu taasisaa jira.
Dabalataan, Humni waraanaa Israa’el miseensota raayyaa ittisaa isaatiif yeroo boqonnaa akka hin hayyamneef kan beeksise yoo ta’u, humni qilleensaa biyyattiis miseensota eeggataa ta’an dirqamaaf waameera.
Ramadaana keessa guyyaa Jimaataa isa dhumaarra, keessuma Iraanitti hiriirawwan farra Israa’el ta’eefi Filisxeemota deeggaruu qopheessuun waan baratamedha.
Kamisa kaleessaa, Ebla 4, 2024 irraa kaasee kutaa bulchiinsaa Giddu-galeessaa Israa’el keessatti meeshaaleen waraanaa bakka irratti qiyyaafatan rukkutuudhaaf kan isaan gargaaru tajaajila GPS akka addaan citu godhameera.
Sababa kanaan magaalota akka Tel Aviiv keessatti bakkawwan gara garaa argachuudhaaf appilikeeshinoonni gargaaran hojjetaa akka hin jirre ibsamaa jira.
Dubbi-himaan humna waraanaa Israa’el Riir Adimiiraal Daani’eel Hagarii biyyattiin GPS cufuushee mirkaneesseera.
Lammileen bakka itti argaman bilbilasaaniitiin ofiin akka guuttatan kan ajajaman yoo ta’u, kunis naannawaa isaaniitti haleellaan rookkeettii kan jiraatu yoo ta’eef dursee akeekkachiifni isaan qaqqaba jedhameera.
Sabaa-himaaleen Israa’el tokko tokko imbaasiiwwan biyyattii keessatti argaman tokko tokko haleellaan Iraan irraa dhufuu akka danda’u dursee akkeekkachiifni isaan qaqqabuu gabaasaniiru.
Kana gidduutti waraana sodaachuun lammileen Israa’el yaaddoo keessa galan maallaqa callaa maashina maallaqa kaffalu (ATM) keessaa baafachuun nyaata bitachuun kufachaa jiraachuun dhaga’ameera.
Ministeerri Humna Ittisaa Israa’el garuu ummanni biyyattii akka tasgabbaa’u hubachiisa baaseera. Humni ittisaa Israa’el kun fuula X isaarratti, “Sababiin jeneraatara bittaniif, akkasumas nyaata kuufatanniif yln maalla maashina maallaqa kaffalu, ATM, keessaa itti baastaniif hin jiru,” jechuun akka tasgabbaa’aaniif ergaa dhaameera.
“Akkuma kanaan dura gochaa turre hunda jijjiiramni kamiyyu yoo jiraatee, karaa sirnaan ta’een ifatti ni beeksifna,” jedheera.

Design a site like this with WordPress.com
Get started