Waraana Israa’el- Gaazaa: Yuniversitoonni bebbeekamoo US mormii jabaan raafamaa jiruApril 23, 2024

Waraana Israa’el- Gaazaa: Yuniversitoonni bebbeekamoo US mormii jabaan raafamaa jiru
April 23, 2024
Barattoonni Yuniversitii Kolombiyaa mooraa yuniversitichaa dura dukkaana dhaabbachuun hidhata yuniversitichi Israa’el waliin qabu mormaa jiru
EPA-EFE
Waraana Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiru mormuun hiriirri US keessatti gaggeeffamaa jiru yuniversitiiwwan Kolombiyaa fi Yale keessatti akkaan hammaateera.
Aanga’oonni yuniversitiiwwan kunneenii humna fayyadamuun namoonni bakka tokkotti gurmaa’anii hiriira akka hin gaggeessine gochaa jiru.
Wiixata kaleessaa halkan poolisoonni biyyattii Yuniversitii Niwu Yoorkitti cabsanii seenuun hiriirtota hedduu hidhan.
Sana dura ammoo namoonni hedduun Yale irraa hidhamaniiru, Kolombiyaan ammoo namni kamuu mooraa yuniversitichaatti qaamaan akka hin argamne dhorkeera.
Garuu mooraa fuulduratti dukkaana alaabaa halluu Filisxeem qabu dhaabbachuun mormii dhageessisuun itti fufeera.
Mormiin akkanaa Berkeley, MIT fi koleejota bebbeekamoo biyyattii keessatti argaman kaan keessattis gaggeeffamaa jira.
Hiriirri mormii fi falmii cimaan dhimma Israa’el-Gaazaa ilaalchisee US keessatti kan hammaate, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 07, 2023 raawwate hordofeeti.
Haleellaa sanaan Israa’el irraa 1,200 yoo du’an, ergasii haleellaa Israa’el gaggeessaa jirtuun lammiileen Filisxeem kuma 34,000 caalan, kan hedduun dubartootaa fi daa’imman ta’an, ajjeeffamaniiru.
Waraana Israa’el fi Gaazaa kanaan walqabatee US keessatti barattoonni bakka lamatti walqooduun mormii dhageessisaa jiru: ‘Antisemetic’ fi ‘Islamophobic’.
Hiriira mormii mooraa yuniversitii keessatti gaggeeffamaa jiran ilaalchisuun Wiixata kaleessaa kan gaafataman Pirezidant Joo Baayidan, ”hiriira kaayyoonsaa ‘antisemetic’ ta’e akka morman, ” akkasumas ”kanneen waan lammiilee Filisxeem mudataa jiru sirriitti osoo hin hubatin olola oofan,” akka balaaleffatan himaniiru.
Mormiin yuniversitiiwwan US keessatti gaggeeffamu erga torbee darbe Poolisoonni Niwu Yoork yuniversitii Kolombiyaatti seenuun akka humnaan barattoota hidhan ajajamaniiti.
Yuniversitiin Kolombiyaa ibsa Wiixata kaleessaa baaseen barnooti hunduu fageenyarraa akka hordofamu labseera.
Pirezidantiin yuniversitichaa Minouche Shafik taatee mudate ”doorsisaa fi dararaa,” jechuun ibsan.
”Mooraa Yuniversitii Kolombiyaatti dhiphina hamaa kan uuman fi babal’isan warra dhugaadhaan barumsaaf dhufan miti, kanneen ajandaasaanii tolfachuuf dhufaniidha,” jedhan Dr Shafik.
Yuniversitii Niwu Yoorkitti bakka barattoonni mooraa Biizinasii ala buufatanii mormii gaggeessaa jiranitti poolisiin humnaan cabsee seenuun hedduu hidheera.
Isa booda Yuniversitii Yale kan Niwu Haaven keessatti argamuttis mormitoota hiriira ba’an 50 poolisiin hidheera.
Yuniversitichi akka jedhutti namoonni hidhaa buufaman kunneen, warra osoo akeekkachiifamanii dhagahuu didaniidha.
Dhiheenya hiriirtonni Filisxeem deeggaruun ba’an US keessatti daandiiwwan ijoo ta’an kanneen gara buufata xiyyaaraa geessan weeraruun hanga cufuutti ga’aniiru.
Haalli kun Ameerikaa akkaan dhiphiseera.
Ameerikaan michuu Israa’el taatus, waraana Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiruun yaada burjaajii keessa galteetti.
Gama tokkoon Israa’el birmadummaa fi nageenyashee eeggachuuf mirga haleellaa ofirraa qolachuu qabdi jechuun kanarrattis akka bira dhaabbattu eerti.
Gama kaaniin Israa’el nageenyummaa lammiilee hin eegdu taanaan tarkaanfii akka fudhattu ibsiti.
Haalli kun tibbana michuuwwan lameen, Ameerikaa fi Israa’el, gidduutti mufannaa takkaa dhalatee hin beekne uumaa jira.
Tibbana US kutaa waraanaa Israa’el tokkorraa gargaarsa nan kuta jechuu hordofee, Ministirri Muummee Israa’el Benjaamiin Netinyaahuu qoqqobbiin humna waraanaa biyyasaaniirra kaa’amu kamiyyuu fudhatama akka hin qabne ibsaniiru.
Ameerikaan kutaalee waraanaa sarbama mirgoota namoomaa raawwataniif seera gargaarsas ta’e leenjiin akka hin kennamneef dhorku qabdi.

Design a site like this with WordPress.com
Get started