KFO fi ABOn ammallee nu waliin hojjechaa hin jiran’- Komishinii Marii BiyyaalessaaFebruary 16, 2024Itiyoo RipporteerKomishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa dhaabbilee siyaasaa beekamtii Boordii Filannoo qaban keessaa Koongireesii Federaalawaa Oromoofi Adda Bilisummaa Oromoo waliin hojjechaa akka hin jirre ibse.Komishinara Itti aantuu Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa kan ta’an Dr Hiruut Gabrasillaasee paartilee galmaahanii jiran 63 ta’an keessaa 40 ol waliin kan hojjechaa jiran ta’us addatti kan waliin hojjechaa hin jirre KFO fi ABO waliin akka ta’e dubbatan.Mariin biyyaalessaa Itoophiyaa dhibdee siyaasaa biyyattii keessaa jiru mariin fura jedhamee abdatame, hundeeffama komishinii hojicha raawwatuufi adeemsa itti deemamaa jirurraa kan ka’e dhaabota siyaasa irraa fudhatamni argate walmakaadha.Tokkummaan dhaabota siyaasaa KFO fi ABO dabalatee dhaabota16 of keessa qabu ji’oota dura adeemsichi qaama walabaan hogganamaa hin jiru, adeemsi isaas galma barbaadameen nu hin gahuu jechuun waliin akka hin hojjenne ibsanii ture.Hiruut Gabrasillaasee af-gaaffii addatti miidiyaa dijitaalaa Itiyoo Ripporteer jedhamu waliin gaggeessan irratti dhaabota siyaasaa 60 galmaahanii jiran keessaa gara 43 kan ta’an isaan waliin hojjechaa turanitti dabalataan dhaabbileen siyaasaa biroon adeemsicharraa shakkii qaban itti makamuu himan.”Nuti isaan dhiibnee osoo hin taane hojii keenya ilaalanii nutti dabalamaa jiru.”Ammoo KFO fi ABO ammallee isaan waliin hojjeechaa akka hin jirre dubbatan.”Wantin sirriitti beeku, KFO fi ABOn nu waliin hojjecha hin jiran” jedhan dhaabbilee beekamoo isaan waliin hojjechuutti hin jirre akka eeran yoo gaafataman.Isaaniifi komishinaroonni kaan dhaabota kana waliin hojjechuun haala danda’amu uumuuf ”tattaaffii olaanaa” gochuus dubbatan.Sababni dhiyeessaan ”kuni bu’a qabeessa ta’a jennee hin amannu” kan jeedhu akka ta’e dubbatu.Dura taa’aan Kongaransii Federaalawaa Oromoo Piroofeesar Mararaa Guddinaa amma dura ejjennoo marii biyyaalessaarratti qaban wayita BBCn gaafatu yaada kennaniin Komishinii amma ijaaramee kanaatin furmaatni dhufu akka hin jirre himan.“Waan akkanaa kana hundatu irraa qooda fudhachuu qaba ture, warri mootummaas warri mormituus. Jaarsummaan garee lamaanuu irraayi malee garee tokko qofarraa miti. Mootummaan yeruma kana darbuuf waan hundeeffateedha. Taphataa tokkotu fedhii ofii galmaan ga’uuf waan hundeeffateedha,” jedhan.Ammoo mariin biyyaalessaa akka gaggeeffamuu qabu barootaaf gaafachaa akka turan dubbatan. ABOnis akkasuma mariin biyyaalessaa hunda hammate gaggeefamuun barbaachisaa akka ta’e gaafachaa turuu ibsa.Itti gaafatamaan damee siyaasaa ABO Obbo Jabeessaa Gabbisaa ibsa Komishanar Hiruut kennan irratti yaadaa BBCf kennaniin komiin hundeefamaa fi adeemsa komishinichaarraa qaban komishinichaafi Ministeera Haqaaf dhiyeessanii deebii akka hin arganne ibsan.Dhuunfaatti komishinicharraa aanga’ootni dhufanii miseensota dhaaba isaanii dubbisan akka hin jirres Obbo Jabeessaan dubbatan.”Mareen siyaasaa tokko iftoomina qabaachuu qaba, qaama walabaan gaggeeffamuu qaba, hunda kan hammate ta’uu qaba. Adeemsi marii kun jalqabaa hanga dhumaa dhaabbilee wal morman hirmaachisuu qaba” kan jedhan Obbo Jabeessaan, adeemsichi ”dantaa mootummaa qofa guutuuf eegale” jedhan.Filannoo Biyyaalessaa marsaa jahaffaa dhaabni Badhaadhinaa hiree mootummaa haaraa ijaaruu argate wayita gaggefamu Oromiyaa keessatti deeggarsa jabaa kan qaban ABO fi KFO hin hirmaanne.Sababa kanaattis dantaan uummata dhaabbilee kana deeggaranii bakka bu’umsa hin argannee jedhamee amanama.Ammas marii biyyaalessaa gaggeefamuuf adeemu keessaa dhaabbileen kun of baasuun uummata ni qabsoofnaaf jedhaniifi ilaalchasaani marii waloo keessaa hin hanqisuu?Gaaffii kanaaf deebii kan kennan Obbo Jabeessaan, ”gaaffii uummata Oromoo guddaa kana, haqaa kana waliin waltajjii wal giturraa Addi Bilisummaa Oromoo kan hirmaatu. Gaaffii uummata Oromoof furamaata waaraa waltajjii fidurraa hirmaata” jechuun waltajjii kanarraa hafuun waan miidhu hin qabu jedhan.”Bakka sagaleeni fi gaaffiin uummata Oromoo hin deebinetti, deemanii waahila paartii biraa ta’anii, gaaffii uummata Oromoo bishaanitti naqanii deebi’uu ta’a” jedhan.Dr Hiruut ”hirmaachuu hanqachuun yeroo marayyuu dogoggoradha” amantaa jedhu akka qaban himuun.”Argamtanii badii yeroo argitan yeroo feetan dhiistanii deemuu dandeessu, garuu keessa jiraachuun yoo dhiibbaa uumtan adeemsicha gara barbaaddanitti qajeelchuu dandeessu” jechuun dhaaman.Halaala dhaabachuun bu’aa hin qabu kan jedhan Hiruut, ”ani ammallee abdii hin kutu. Isaaniin adeemsa kana keesaatti hirmaachisuuf yaaliin goonu itti fufa” jedhan.Dabalaatan ammoo Komishinichi qaamolee hidhannoon mootummaa lolaa jiran qaama marii kanaa yoo godhaman biyya tasgabbeessuuf ni gargaara amantaa jedhuun karaa adda addaa hidhattoota gara marii kanaatti fiduuf yaalii gochaa jirachuu ibsaniiru.Komishiniin Marii Biyyaalessa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan hundeeffamee erga hojii eegalee waggaa lama kan guute yeroo ta’u qaamoleen adda addaa raawwiinsaa ni harkifate jedhanii komatu.Komii kanaaf deebii kan kennan Dr Hiruut ji’oota darban hunda qophiifi hojii adda addaarra bahanus nagaa dhabinsi, hanqinnii loojistikiifi wantootani biroon isaan to’achuu hin dandeenye gufuu itti ta’uu ibsaniiru.Deeggarsa uummataa, walta’iinsa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin jiruu, hubannaa rakkoo biyyattiirra jiru bal’achuufi kaanis Kimishinichi milkaahina akka argatu agarsiisftuu akka ta’an dubbatanii, ”dhaabbiin Komishinichaa amma jiru rakkoo biyyattii furuuf gahaa miti” qeeqa jedhu fudhatama dhabsiisaniiru.Ammoo Komishinichi gaafatama hojii kana qindeessuu fi abbummaan hoogganuu malee milkaahinaasaaf gumaatni hundaa akka barbachisu dhaaman.

KFO fi ABOn ammallee nu waliin hojjechaa hin jiran’- Komishinii Marii Biyyaalessaa

Design a site like this with WordPress.com
Get started